Ibsa GABUO

Dhiheenya kana maqaa damee fi birkii Gumii Adda Bilisummaa Ummata Oromiyaatin "tokkummaa jaarmayoota Oromoo uumna" jechuudhan boobbaan godhamaa jiraachuu isaa hubannee jirra. Boobbaa godhamu kana keessatti dhugaa dabe sirreesuf ibsi kuni barbaachisaa ta'ee argamee jira. Labsi Onkololeessa 19, 2009 qaama jarmaya keenyaa, GABUO Damee Toroonto irraa darbe akka mirkaneessutti, namtokkeen dhaaba keessaa miseensummaan isaa rarraafametu bakka bu'aa murna GABUO ta'ee if dhiheese. Namni kunis Obbo Ibsaa Nagawo ta'un isaa labsa GABUO Damee Torontoo keessatti tuqamee jira.

Gazexxesitoonni raadiyoo Sagalee Adda Bilisumma Oromoo (SABO) nama kanaaf gaaffii gochaafii turanis akkuma inni if dhiheessetti gammachuudhan simachuudhan alatti eenyummaa murna inni bakkaan bu'a jedhu sanii dhaggeeffatoota isaanitiif faaran hinibsine. Darbees, hooggana GABUO kan waan jarmayaa irraa haasawuuf seera fi heeran mirga itti qabu qajeelchanii osoo beekanuu, galii akeeka gaaffii fi deebii isaanii guuttachuuf qofa qormaata tokkoon malee dimshaashumatti hogganummaa Obbo Ibsaan murna inni baanu irratti himate fudhachuun isaanii haalan gazexxeesummaa isaanii gaaffii keessa galcha jenna.

Gazexxeesitoonni SABO, kara fuulduraa badii kana fakkaatu irraa if tiksuudhaf nam-tokkee dharaan maqaa GABUO dhahatee itti dhihaatu hunda osoo bakka bu'aa jaarmayaa ta'uu isaa hinmirkaneeffatin sagantaa raadiyoo isaanii irratti akka hin afeerre akeekkachiifna. Badii akkanaa irraa akka if qusataniis ni abdanna. Armaa olitti akka tuqametti, akeekni ibsa kanaa, daba godhame kana sirreesudhaan dhugaa jirtu saba keenya hubachiisudhafi.

Duraan dursee, GABUOn jarmayaa hookin garee tokkummaa uumuf murteeffatanii ammaan tana irratti hojjachaa jiran waliin hinjiru. Caalaattuu ibsuudhaf, tokkummaa murna ABO-jijjiiramaatin si'ana qindaawaa jiru keessaa GABUOn qooda hirmaannaa hinqabu.

Jaarmayni hookin murni Oromoo kamuu walitti dhufee akeeka waliin hirmaatu irratti tokkummaa uumuun waan eebbifamaadha. Walitti dhuufiinsa humnoota Oromoo irraa GABUOn gammachuu qaba. Tokkumman qabsaawotaa galii qabsoo bilisummaa Oromiyaatiif murteessadha jedhee akka akeeka ol'aanatti dhaabni dureedhaan sosso'u, GABUOn, tarkaanfii sirna qabeessa kan gurmuu qabsaawotaa itichuuf fudhatamu mara gammachuudhan simata. Ammaaf garuu GABUOn "tokkummaa" amma itti carraaqamaa jiru kana irraa waan if qusatuuf sababa hedduu qaba. Dimshaashumaatti adeemsa tokkummaa kan amma mul'atu kana irraa GABUOn quufa hinqabu. GABUOn akka ilaalcha isaatti akeeka tokkummaan humnoota bilisummaa Oromiyaa irratti bu'uraawuu qabu akkasumas adeemsa fi akkaataa itti dhugoomuu danda'u irratti tilmaamsa tokko baasuuf qophiirra jira. Tilmaamsa kanas GABUOn ummata keenya bal'aa waliin dhiheenyatti hirmaachuf waadaa seena.

Tokkummaan Humna!!!

Oromiyaan Ni Bilisoomti!!!

KHG-Gumii Adda bilisummaa Ummata Oromiyaa (GABUO)


Trackback(0)
Comments (1)Add Comment
0
mohammed
December 30, 2009
41.252.18.36
Votes: +0
hiiiiiiiiiiiiiiiiiiii

akkam nagaa kessani jechaa oromtoota hundanuu anis isiin wajjiin hirmachuudhaf hawwii gudda a qaba

Write comment
 
 
smaller | bigger
 

security image
Write the displayed characters


busy