+ Reply to Thread
Results 1 to 3 of 3

Thread: dubartii oromoo

  1. #1

    Default dubartii oromoo

    DUBERTII OROMOO Dubartii Oromoo intala Oromtichaa
    Haadha hayyuu qaraa yaa haadha gootichaa
    Siiqqe isii qabattee tan qabbana buustuu
    Yaa haadha nagayaa lola araarsituu

    Yaa haadha hormaataa kunuunsituu maatii
    Qe'een ati jirree yoom waa natti toltii
    Dachaa cunqufamtuu sabboontuu Oromoo
    Yaa madda hormaataa yaa jaalattuu qomoo

    Harmee haadha gootaa tan harmi sii dachaa
    Tajaajiltuu maatii yaa haadha gootichaa
    Falmadhu mirga kee ifatti bahii tii
    Watajjiirarraa labsii gola keessaa mitii

    Ibsi eenyummaa kee akka hayyuu taate
    Tan irbuu sii guuttu kaayyoo itti amantee
    Namni nakka namaatti hin jiru waljalaa
    Hujii fi kabajaan siitu irra caalaa

    Ji'a sagal guutuu ilmoo garatti baattee
    Ciniinfattee dysaa hadhaa lubbuu gartee
    Eega deeyse boodaas sumaa ilmotti aanaa
    Dhaadheessuu fii mitii an dhugumaan baanaa

    Alaa fi manniniis hin ifu si malee
    Biqilchituun shanyyii eenytu si caalee
    Dirree qabsoorratiis eejjannoon te cimtuu
    Yoo ati hirmaanne qasoon fiinxa baatuu

    Dubartii Oromoo haadha marii malaa
    Tooftaan tee dansaa dhaa hedduu namatti tolaa
    Abalu waa dhiiraan jaartii gaariirraahii
    Utubaa jireenyaa ati fayyaa dhyii

    Waa'ee kee dubbachuu jechaa na hanqtaa
    Madda hayyuu qaraa yaa haadha gootootaa
    Dubartii Oromoo haadha jeeyna deeysuu
    Olgodhuu dhaadadhu takkalleen si geeysuu
    Oromia shall be free!

  2. #2

    Default Maaraartuu haadha dhugaa


    Oromtittii,

    Abjuu halkaanii fi guyyaa dhaaloota garaa raastu
    Seenaa fi hiika tooleen diroo marsaan goorsattu
    Maarartuu haadha dhugaa dhimma dhaadheessattuu

    Oromtittii jaajjuu kan daadhaabee hin beekne
    Hidda horoo daaggaagde umammatu kenne
    Boontu eenyummaaf aaddu akka huumoo booqaa
    Falmatu haadha goototaa kabaajiiftuu haaqaa
    Maandiistuu iyya siiqqee tiksaattuu seera gumaa
    Godaantuu daandii siiqqee falmattuu wal-qixxumma
    Gaaddistu damee Odaa riqxu caasaa tokkummaa
    Gorsitu lammii fi qomoo kan hin daganne dhimma
    Galatnii kee guddoon haa taatu Bilisummaa!

    Bilisummaa Biyya Oromoo marge dirree lalistuu
    Qabsoon turtus - bultes galma hin hankaaktu
    Boree dhimma dhalootaa seera uumaatu labsa
    Eenyummaa heedatee dirootu dhiiga galaasaa
    Galaa dhuma hin qabne qorxii dilbii kuusaa
    Soora Oromummaa cooccoo dhangaa Oromtittii
    Naqxee jangii seenaa foolle Gadaa sirbisiifti!

    Shaggoyyee arfaan qaalluun danabsitu noolee
    Kumkum haadha maccaa mormi lookoo bulaale
    Uggum ragada waalloo aadaa fokkuun takale
    Dhiichistu tulaamaa haadha gootoota salaalee
    Naaqatu ateete arsi kaawatu dooqa fi caallee
    Karayyuu hoofuun seertu ayyantuu ija kuulee
    Gujii toobattu baalliin diina safuu walaalee
    Falmatu haadha gootota hooddattuu dhugaa bulee

    Oromtittii fayyaa abjottuu seenaa hiikaan tolee
    Bekkumsaa kee guddoon nuu gorsii kan walaalee
    Qomoo - qomoo ganu okkolaa abdii halagaan olee
    Lammii - lammii qaluu hambaa halagaan bulee
    Addagee seenaa dabsuu dagatee gumaa anoollee
    Seenaa harma muraa kan cire kichuu ijoollee
    Seenaa harka kuuttaa boree hin hafne yoomiillee
    Sarbaa daandii Bilisaa cabsaa siiqqee oboollee
    Akka hin daaganne dhaamsa fi gorsaa walii-gallee
    Nu galaasi qondaallootaaf hoo sirbinu gadaa foollee
    Safuu waaqa tokkichaan eebba boraanan hofkollee!


    G. Roobaa

  3. #3

    Default

    Roobaa burqaa walaloo yaa madda beekkomsaa.
    Yoo barreessaqa ooltee hin dhumu si keessaa
    Baqkka guddaa qabdaq swammuu tiyya keeswsaqa

    Hedduu hedduu galatoomi yaa kuusa beekkoomsaa.
    Oromia shall be free!

+ Reply to Thread

Thread Information

Users Browsing this Thread

There are currently 1 users browsing this thread. (0 members and 1 guests)

     

Similar Threads

  1. Gootowwan Oromoo
    By oromtittii in forum Afan Oromo Forum
    Replies: 2
    Last Post: 04-12-2008, 08:57 PM
  2. afaan oromoo
    By FIIXAA in forum Afan Oromo Forum
    Replies: 39
    Last Post: 08-16-2007, 07:36 PM
  3. OROMOO
    By Buruunqee in forum Afan Oromo Forum
    Replies: 5
    Last Post: 06-22-2007, 11:50 AM
  4. Oromoo
    By Roobaa in forum Afan Oromo Forum
    Replies: 0
    Last Post: 09-17-2006, 09:44 AM
  5. Maqoota Oromoo
    By Tokkumma in forum Current Affairs
    Replies: 25
    Last Post: 03-18-2006, 12:05 AM

Bookmarks

Posting Permissions

  • You may not post new threads
  • You may not post replies
  • You may not post attachments
  • You may not edit your posts