Tokkummaan Barattoota Oromoo Awuroppaa ,dameen Beeljiyeem(TBOAB) hiriira nagaa qopheesse milkiin xumure
Waxxabajjii 30,2008 Hiriirri nagaa Tokkummaa Barattoota Oromoo Awuroppaa damee Beljiyeemin Teessoo Gamtaa Awuroppaa kan taate Bruselsitti qopheesse milkiin xumurameera.Oromonni fi jaalattootni Oromoo dhiha Awuroppaa irraa dhufan saganticha irratti hirmaataniiru.
Kaayyoon hiirira nagaa kanaa hunda dura gargaarsa mootummaa TPLFn ajjechaa miliishotni Gumuz Oromoota dhiha Oromiyaa irratti raawatan mormuuf yoo ta’u akka walii galattis dhiitamuu mirga namaa Biyyattii keessattii waggoota 18 dabraniif gahaa jiru mormuu dha.Hiriirttotni kun Place Jean Rey(fuul dura paarlamaa Awurooppaa) bakka jedhamuu ka’anii Berlaimont(koomishinii Awurooppaa) hanga gahanitti dhadannoolee adda adda dhageessisaniiru. Baay’ee keessa xiqqoo xuquuf
.
Ø Ajjechaan uummata irratti godhamu haa dhaabatu !
Ø Gargaarsi mootummaa abba irreef godhamu haa dhaabattu !
Ø EU,USA,UK,UN ….falmii saba Oromoo deegaraa !
Ø ABOn kallacha qabsoo uummata keenyaati !
Ø Mirga hiree ofiin mutefannaa Oromiyaaf !
Ø Fixiinsa sanyii namaa Ityoophiyaa keessatti godhamaa jiru haa dhaabatu !
Kan jedhuu fi kan biro keessatti argama ture.Itti aansuudhaanis xalayoota waajjiralee torbaaf qophaahan jilootni ramadaman qabatanii deemuudhaan ibsa bal’aa wajjiin angowolee kanatti kannaniiru.Angawoonni Paarlamaa Awuroppaas qaaman dhufanii hiriirtota kan dhaggeefatan yoo ta’u haasa’aa jajabinaa hirmattotaaf godhaniiru.Seerri mootummaa Ityoophiyaa ilaachisee tumamaa jiru irratti illee TBOAn hirmanna gochuu akka danda’us eerun,dhiitamuu mirga namaa Mootummaa TPLF bareechanii kan beekan ta’uu ibsaniiru.
Hiriira kana irrattis ibsi gagabaabaa Dr.Mazgabuu,Dr.Geetachoo Jigii ,Jaarsa Oromoo Obbo Tilaahun,Adde Makkiyya fi Dargaggoo Hundee Dhugaasaan kan godhame yoo ta’u,tookkummaan kanee karaa dandeenyu hunda mootummaa Uummata Oromoo fixuuf kutatee ka’e kana akka falmannu dhaamaniiru.
Dhuma irrattis kun kan jalqabaa malee kan dhumaa ta’uu akka hin qabne eerun sagantaan qophaahe nagayaa fi milkiin xumurameera.
Pictures from the rally: http://www.manabuna.com/action/photolist/abumphotolist/?album_id=19
TBOAB
Waxxabajjii 30,2008



del.icio.us
Digg
Comments (9 posted):
kitilaa Australia irraa
UNIVARISITTII FINIFINNEE IRRAA.
Post your comment